Thursday, June 21, 2018



                             Waaqa Nu Jaallateef


Goota Qaraaniyoo isa nu jaallaate
Du’a isa nuuf maluu kan nurraa darbate
Nu waame kiristoos inni nun jibbinee
Galata  galchaafi isaan ifa arginee

Arjummaan isaa hin dhumuu araarrisaa danuu
Namaan yoo  jibbamnes kiristoos nun ganuu
Kenninee hin dandeenyuu oolmaan isaa kumaa
Uumaakoo ulfaadhuu ati  yoomuu addumaa

Ha kaasnu maqaasaa ha waamnuu guddisnee
Isaaf dhugaa baana ifatti mul’isnee
Ragaa nuuf ba’a innis fuula abbaasaatti
Waaqa nu jaalateef ililleen hin xiqqaatti

Isatti kennina ba’aa keenya maraa
Jabaadha obbolaakoo wal cimsaa adaraa
Karaaf daandii dhiphaan golli qulqullootaa
Balballi fayyinaa baqaan cubbamootaa

Teewayidoo qabadhaa jiraadhaa namootaa
Kennaa kiristoosiif maqaasaa olkaasaa
Ilmi maariyaamii heedduudha oolmaansaa
Ba’aa ba’aa caaluu isa nuti hin baannee
Nurraa fuudhee gatee kiristoos nun gannee

Hin ganuu an waaqakoo isatu naaf jiraa
Dhaamsa xiqqoon qabaa dhaga’aa yaa firaa
Kadhaadhuu cubbuukeef hin ciisin gonkumaa
Yeroon qaba hin jedhiin otuu raftuu dhumaa
           
Har’aa yeroo nagaa yeroo humna  qabdu
Hundumaa hin raawwattaa homaallee hin dadhabduu
Hin haftu akkanattii dadhaabbinis jirtii
Utuu ati hin beekin barittiin sii dhuftii

Dammaqi maaf raftaa hirriba dullumaa
Himadhu cubbuukee maaf jettaa callumaa
Yoo himatte malee cubbuukee dhossitee
Fayyina hin argattuu foonkee ofitti goobsitee

Hubadhuu dargaggoo hin laalin waan baraa
Yaadi lubbuukeetiif  deebi’i adaraa
Si waama kiristoos inni yoom si dagatee
Ililchii waaqakeef tola si jaallatee

Akka si eeganiif gartuu ergamootaa
Sii jaabeessuuf jecha gare qulqulloota
Nuuf  hundaa nuuf kennee laalaa yaa namootaa
Nun jibbu ilmi maariyaam hedduu nu jaallataa

Qabadhuu fannookee hin gatiin tasumaa
Isatuu si eega galgalaaf ganamaa
Waaqayyoo dhiigaasaa irratti lolaasee
Fayyinaaf si dhaabee rakkookee mancaasee

Wednesday, June 13, 2018

                 
                         




                                                   Lubbuutoo                                              
      
                         Kottu boontuu kiyya hin taa’in halaala
           Ijjikoo yeroo hundaa si qofa ilaalaa
           Maarree natti kottu onneenkoo si feetii
           Atis kiyya ta’i anis yoomuu keetii  

        Onnekoo gaafannaan si qofaa filate
        ishii malee jedhee iyyata galfatee
        Amaanuu hin dandeenyee hangan si jaalladhuu 
        Chaappeffamtee natti kanaaf sin dagadhu

        Giiftikoo lubbuutoo qabde waankoo mara
        Sammuunkoo akka hin dhuufnee sodaadhe adaraa 
        Na moote bareedduu egaa harkan siif laadhee
        Hundumaayyuu dhabee bagan si qabaadhee

        Guyyaa ati na faanaa yeroonkoo miidhagaa 
        Raabsituun dhiigakoo lubbuu siin dalagaa
        Adda hin baanu yoomuu waliin hundaa tarraa
        Abdadhu lubbuutoo hundumaa hin agarraa