Lubbuutoo
Kottu boontuu kiyya hin
taa’in halaala
Ijjikoo
yeroo hundaa si qofa ilaalaa
Maarree natti kottu onneenkoo si feetii
Atis kiyya ta’i anis yoomuu keetii
Onnekoo
gaafannaan si qofaa filate
ishii malee jedhee iyyata galfatee
Amaanuu hin dandeenyee hangan si jaalladhuu
Chaappeffamtee natti kanaaf sin dagadhu
Giiftikoo lubbuutoo qabde waankoo mara
Sammuunkoo akka hin dhuufnee sodaadhe adaraa
Na moote bareedduu egaa harkan siif laadhee
Hundumaayyuu dhabee bagan si qabaadhee
Guyyaa
ati na faanaa yeroonkoo miidhagaa
Raabsituun dhiigakoo lubbuu siin dalagaa
Adda
hin baanu yoomuu waliin hundaa tarraa
Abdadhu lubbuutoo hundumaa hin agarraa
yah i am quiet right
ReplyDeletefantastic
ReplyDelete