Waaqa Nu Jaallateef
Goota Qaraaniyoo isa nu jaallaate
Du’a isa nuuf maluu kan nurraa
darbate
Nu waame kiristoos inni nun
jibbinee
Galata galchaafi isaan ifa arginee
Arjummaan isaa hin dhumuu araarrisaa danuu
Namaan yoo jibbamnes kiristoos nun ganuu
Kenninee hin dandeenyuu oolmaan
isaa kumaa
Uumaakoo ulfaadhuu ati yoomuu addumaa
Ha kaasnu maqaasaa ha waamnuu guddisnee
Isaaf dhugaa baana ifatti mul’isnee
Ragaa nuuf ba’a innis fuula
abbaasaatti
Waaqa nu jaalateef ililleen hin
xiqqaatti
Isatti kennina ba’aa keenya maraa
Jabaadha obbolaakoo wal cimsaa adaraa
Karaaf daandii dhiphaan golli
qulqullootaa
Balballi fayyinaa baqaan
cubbamootaa
Teewayidoo qabadhaa jiraadhaa namootaa
Kennaa kiristoosiif maqaasaa
olkaasaa
Ilmi maariyaamii heedduudha
oolmaansaa
Ba’aa ba’aa caaluu isa nuti hin
baannee
Nurraa fuudhee gatee kiristoos nun
gannee
Hin ganuu an waaqakoo isatu naaf
jiraa
Dhaamsa xiqqoon qabaa dhaga’aa yaa
firaa
Kadhaadhuu cubbuukeef hin ciisin
gonkumaa
Yeroon qaba hin jedhiin otuu raftuu
dhumaa
Har’aa yeroo nagaa yeroo humna qabdu
Hundumaa hin raawwattaa homaallee hin dadhabduu
Hin haftu akkanattii dadhaabbinis jirtii
Utuu ati hin beekin barittiin sii dhuftii
Dammaqi maaf raftaa hirriba dullumaa
Himadhu cubbuukee maaf jettaa
callumaa
Yoo himatte malee cubbuukee
dhossitee
Fayyina hin argattuu foonkee ofitti
goobsitee
Hubadhuu dargaggoo hin laalin waan baraa
Yaadi lubbuukeetiif deebi’i adaraa
Si waama kiristoos inni yoom si dagatee
Ililchii waaqakeef tola si jaallatee
Akka si eeganiif gartuu ergamootaa
Sii jaabeessuuf jecha gare
qulqulloota
Nuuf hundaa nuuf kennee laalaa yaa namootaa
Nun jibbu ilmi maariyaam hedduu nu
jaallataa
Qabadhuu fannookee hin gatiin tasumaa
Isatuu si eega galgalaaf ganamaa
Waaqayyoo dhiigaasaa irratti lolaasee
Fayyinaaf si dhaabee rakkookee mancaasee
Qabadhuu fannookee hin gatiin tasumaa
Isatuu si eega galgalaaf ganamaa
Waaqayyoo dhiigaasaa irratti lolaasee
Fayyinaaf si dhaabee rakkookee mancaasee
oh very nice
ReplyDelete